Difference between revisions 22384 and 24526 on omwiki⏎ ⏎ ⏎ ⏎ kunii malii ''' Abboota Gadaa nannoodhan Oromiyaa keessatti argaman walitti fiduudhaan Oromummaa fi Aadaa sirna Gadaatiin akka walii tumsaan fi tokkummaa ummata Oromoo akka ijaaran gargaaruu, jajjabeessuu. ■ Nannoodhan sirni Gadaa laafee fi hojjataa hinjirretti ummata Oromoo Aadaa fi sirna Gadaatiin gurmeessuu ykn. ijaaruudhaan sirna Gadaatiin uf-bulchuun sadarkaa biyyooleesatti akka mirkanwaau godchuu. ■ Aadaa fi bulchiinsa sirna Gadaa ummata Oromoo qabachuudhaan, hundee bulchaa sirna gabromfataa Oromiyaa keessaa buqqisuu ■ Dhaabbota (ijaarsota) siyaasa, waldoota gargaarsaa fi amantii kan ummata Oromiyaa keessattu argaman jiddutti walii galtee fi tumsa argamsiisuu, nagaa ummata Oromoo akka tiiksan (eegan) yaadachiisuu ■ Qaamota diinagdee, kan siyaasaa, kan barmoota, kan aadaa, kan fayyaa, kan tika nagaa, kan ogummmaa fii saayinsii ummata Oromiyaa walitti qindeessuudhaan badhaadhinnaa fi nagaa ummata Oromiyaa mirkaneessuu, fuul-duree ummata Oromiyaa miidhagsuu ■ Saboota fi sab-lammiiddhan hundeen isaanii Afrikaa ta’e, kan aadaa fi seenaan isaanii aadaa fi seenaa ummata Oromiyaatiin walfakkaatu ykn. walitti dhihaatuun walii tumsuu, walgargafaruu. ■ Sabootaa fi sab-lammiiddhan kiyyoo gabrummaa Abashaa jalatti kufuudhaan dararaman, saboota mirga ilmoo namaa fi sabaatti amanan waliin waliigaltee fi tumsa argamsisuu ■ Gurmuuwwan siyaasaa fi qaamoonni amantii kan ummata Oromiyaa keessatti argaman waliigaltee fi gamtaan tokkummaa ummata Oromiyaa, mirgaa fi bilisummaa Oromiyaa ilaalchisee ijjannoo fi Afaan tokkkoo akka qabaatan jajjabeessuu, gargaaruu ■ Nageenyaa fi jireenya ummata Oromiyaa tiksuu, itichuu fi dagaagsuu ■ Eenyummaa Oromoo, Aadaa walqixummaa fi demokraasii sirna Gadaa guddisuu, dagaagsuu fi Oromiyaa nagaan bulchuu (administer) keessatti qoodni ummata baldhaa murteessaa fi barbaachisaa ta’uu ummata barbsiisuu, mirga isaa ta’uu yaadachiisuu ■ Mirgi ilmoo namaa akka Charteriidhan Afrikaa fi kfk. akka eeggamu taasisuu ■ Abboonii Gadaa kan yeroo hammaa naannoodhan Oromiyaa keessatti argaman akka aadaa sirna Gadaatti walqunnamuudhaan akka waliin hojjatan haalaa fi dandii mijeessuu. Naannoodhan sirni Gadaa hojjataa hinjirretti Abbaa Gadaa filachiisuu fi bulchiinsi sirna Gadaa naannoo irraa jalqabee hanga sadarkaa biyyoolessatti hujii irra akka ooluu taasisu ■ Guddinnaa fi bilchinni sirna Gadaa itti fufee akka dagaaguu walqixummaa fi mirga abbaa biyyummaa Oromootaa barsiisuu ■ Tokkummaa fi nagaa saba Oromootiif Oromiyaa tiksuu ■ Baadhaadhinni sabaa fi Oromiyaa fuullee diinagdee, barmootaa, sayinsii fi ogummaa (technology), fayyaa, siyaasaa fi kfk. sadarkaa ol’aana irra akka gahuu daandii tottolchuu, karoora baasuu, hujii irra oolchuu ■ Ilaalchaa (yaada) Oromoota hundaatuu kabajuu. Ilmaan Oromoo gara garummaa yaadaa (ilaalchaa) irraa kan ka’e nagaa saba isaanii booressuu fi jireenna saba Oromoo haddheessuu otoo hin ta’in, akka aadaa sirna Gadaa Oromootti walkabajuudhaan gara garummaa isaanii karaa nagaatiin akka hiikktan gargaaruu. ■ Yaadni (ilaalchi) ilmaan Oromoo akka ilmaan saba tokkootti daandii tokkotti luucca’ee bu’aa saba isaanii irra akka oolu haala mijeessuu, karaa qindeessuu fi Ilmaan Oromoo irree tokkummaa isaanii cimsanii mirga sabummaa ummata Oromoo kabajchiisuu irratti akka walii tumsan gargaaruu (taasisuu) ■ Waltajjiidhan qorannoo (research centers) Afaan, Aaadaa, Seenaa fi sirna Gadaa Oromoo ijaaruu (dhaabuu) fi seenaa saba Oromoo kan dabre qorachuu, barachuu, barsiisuu fi guddisuu. Keessattuu mallattoo tokkummaa, nagaa fi bilisummaa ummata Oromoo kan ta’e Aadaan sirna Gadaa Oromoo ■ akka sirritti dagaaguu fi ilmaan Oromoo hunda ammattu taasisuu. Ilmaan Oromoollee aadaa bareeda sirna Gadaa hubachuudhaan gaaddisa sirna Gadaa jalatti akka gurmaahan kakaasuu, jajjabeessuu, gurmeessuu ■ Tokkummaa (unity), birmaddummaa (sovereignty) saba Oromoo fi daangaa Oromiyaa kabajchiisuu, bilisummaan Oromiyaa akka mirkanooftuu fi tikfamtu ilmaan Oromoo martuu qooda irraa eeggamu akka bahatan karaa fi haala mijeessuu, hujii irra oolchuu ■ Aadaan bareedduu fi kabajamtuun dubartoota Oromiyaa, SIINQEEN dubartoota Oromoo sadarkaa-sadarkaan ijaaramtee sadarkaa biyyoolessaatti hujii irra akka ooltu karaa mijeessuu, fiixa baasu. ■ Siiqeen dubartoota Oromiyaa akka aadaa saba Oromootti mirga dubartoota Oromiyaa kabajchiisuu fi tiksuudhaan dubartoonni Oromiyaa midhaa fi gad-qabii tokka malee, fuullee jireenna ilmoo namaa hundaanuu (fakkeennaaf: fuullee diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa, aadaa fi kfk.) dhiiraan walqixa biyya isaanii akka tajaajilanii fi biyya isaanii irra tajaajila akka aragtan akka taasiftu dadaagsuu. Galiin Kaawoo Gadaa Oromiyaa, Aadaa fi mallattoo bilisummaa Oromiyaa kan ta’e seeraa Gadaatiin ummata Oromiyaa sadarkaa biyooleessaatti ijaaruudhaan tokkummaa, nagaa fi angoo saba Oromiyaa dhugoomsuu (mirkaneessuu) dha. Ummanni Oromiyaa Aadaa fi gaaddisa sirna Gadaa jalatti ijaaramuudhaan akka ufii fi biyya isaa bulfachuu danda’u gargaaruu dha ■ Aadaa fi bu’uurran sirna Gadaa irratti hundaauudhaan ummata Oromiyaa gaaddisa sirna Gadaa jalatti gurmeessuu, irree fi tokkummaa sabaa cimsuudhaan ol’aantummaa fi mirga ummata Oromiyaa mirkaneessuu, burqaan aangoon Oromiyaa bulchuu (tajaajiluu) ■ Seeraa fi heera saba baldhaa ummata Oromiyaatiin tumame (tumamu) fi mirga filannoo, kan filachuu, kan dorgommii nagaa (peaceful competition) fi karaa nagaatiin sabaan filatamuu qofa irra akka ta’u gochuudhaan, ykn.dhugoomsuudhaan Aangoo ol’aanaa mootummaa ummata Oromiyaa kan ta’e: Saglan Yaa’ii Oromiyaa (National Supreme Council) Yaa’ii Gadaa Oromiyaatiin (Oromian National assembly) sadarkaa biyyoolessaatti dhaabuu (filachiisuu), bulchiinsa demokraatawaa sirna Gadaa hujii irra oolchuu dha. ■ Seenaa, aadaa fi safuu ummata Oromoo irratti hundaawuudhaan Caasaa bulchiinsa sirna Gadaa Oromiyaa akka haalaa fi sadarkaa guddinna saba Oromiyaa kan hardhaa waliin adeemutti qophessuu, diriirsuu dha. ■ Seenaa Saba Oromoo keessatti hiikkaa fi kabajaa guddaa kan qaban qubsumman Yaa’ii Gadaa Oromiyaa kan akka Madda Walaabuu, Mormor (Tulluu Nama Guddaa), Caasaa bulchiinsa sirna Gadaa keessatti akeekuu, seenaan galmeessuu. ■ Qaama Caasaa bulchiinsa Sirna Gadaa kan akka Yaa’ii (Caffee) Gadaa Oromiyaa, Saglan Yaa’ii Oromiyaa, Odaadhan fi Caffeedhan, Aanaa fi balballan Oromiyaa sadarkaa sadarkaan diriirsuu fi Siiqeen Dubartoota Oromiyaa, qaamni amantii ummata Oromiyaa (sirna Qaalluu fi waaqeeffannaa) sadarkaa biyyoolessatti akka aadaa ummata Oromiyaatti deebi’ee ijaaramuudhaan jireenna ummata Oromiyaa akka tottolchu taasisuu dha. Ummata Oromiyaa Aadaa fi Gadaa shanan (Luuba) Oromiyaatiin ijaaruu dha. ■ Aadaa bulchiinsa Sina demokraatawaa Gadaa, qaamota caasaa bulchiinsa sirna Gadaa, qaamaa seeraa fi heeraa, qaama aadaa fi hundee (original) safuu ummata Oromiyaa, qaama mirga ilmoo namaa tiksuu fi kan kfk. jalaa hanga gubbaattii sadarkaa sadarkaan diriirsuu, babaldhisuu fi hanga biyyoleessaatti ijaaruu, hujii irra oolchuu ■ Ilmaan saba Oromoo hundi mirga Abbaa biyyuummaa isaanii akka kabajchiifatan yaadachiisuu, barsiisuu fi dirqama isaanii akka bahatan hubachiisuu. Dhaloottan (generations) saba Oromoo hundaa akka aadaa sirna Gadaattti duudhaa sirna Gadaatiin walqabachiisuu, walitti hidhuu, walii tumsiisuu. Gadaa (umrii) isaanii irratti hundaawuudhaan gaaddisa sirna Gadaa jalatti ijaaruu, walbarsiisuu fi dammaqasuudhaan tokkummaa, jabeenna fi nagaa aadaa sirna Gaddaa Oromoo deebisuu, mirkaneessuu ■ Hanga Galiin Kaawoo Gadaa Oromiyaa fiixa bahuu fi bulchiinsi sirna Gadaa Oromiyaa ummata Oromiyaa harka galutti hayyoota ummata Oromoo, abbootaa Gadaa naannoodhaan Oromiyaa keessatti argaman fi hooggantoota bulchiinsa sirna Gadaa Oromiyaa keessatti qooda fudhataa jiran hundaa walitti fiduun ijaaruu, gurmeessuu, walqabachiisuu, qabeennaa (diinagdee) fi mallaqaan gargaaruu ■ Mirga filannoo walabaa, mirga filachuu, kan filamuu fi filatamuu akka aadaa nagaa sirna Gadaattti kabajuudhaan Saglan Yaa’ii Oromiyaa (Oromian supreme Council) sagalee ummata Oromiyaatiin waggaa saddeetti saddeetiin akka filatamuu fi eebbifamu taasisuu. Aangoon filannoo malee gonfamtu hundumtuu saba biratti fudhatama akka hinqabnee fi faallaa aadaa fi safuu ummata Oromoo ta’uu beeksisuu, ibsuu. Aangoon filannoo ummata Oromiyaa irraa argamte martuu dhimmaa fi bu’aa ummata Oromiyaa irra akka ooltuu godhuu (taasisuu ■ Aadaa nagaa, aadaa bareeda, jaalatamtuu, kabajamtuu sirna demokraatawaa Gadaa babaldhisuu, guddisuun akka danda’amu projektootaa fi karoora gara garaa baasuun hojjachuu. Saayinsii fi ogummaa yaroo kan akka Komputaraa, kitabaa fi kan fakkaataniin qophheessuun sabaa dhaqqabsiisuu (facaasuu), barsiisuu. Saboota biraallee barsiisuu ■ Mallattoodhan Oromummaa kan akka Afaan Oromoo, Aadaa, Seenaa, Amantii Safuu fi mirga abbaa biyyummaa (Oromiyaa) tiksuu. Badii (destruction) sirna gabroomfataa Abashaatii fi dhiibbaa (cunqursaa) kamuu mormachuun Oromummaa kabajchiisuu, tiksuu ■ Oromiyaa guutuu keessaa fi Oromiyaan alattillee Oromootaa jajjabeessuudhaan Aadaa Wallisaa (muziqaa), artii fi sportii, hogbarruu Afaan Oromoo fi kfk. guddisuu fi gabbisuu ■ Ijoollee fi dargaggoota Oromiyaa aadaa sirna Gadaa Oromoo barasiisuu fi jajjabeessuudhaan akka aadaa sirna Gadaatti gaaddisa sirna Gadaa jalattti gurmeessuu. Dargaggoonni Oromiyaa bulchiinsa Sirna Gadaa kan hanga sadarkaa biyyoolessaa keessatti akka qooda fudhatanii fi saba (biyya) isaanii tajaajilan taasisuu ■ Meeshaadhan barrnoota kan Aadaa fi Sirna Gadaa barsisuuf tolan qoppheessuudhaan iddoo ummanni akka salphaatti irraa argatuu fi dhimma itti bahachuu danada’u kaa’uu, haala mijeessuu ■ Warraqsa Aaadaa sabootaa fi sablammiiwwan akkuma saba Oromoo uumee (native) Afrikaa ta’an, Aadaa fi seenaadhan kan saba Oromoo waliin wallfakkaatani fi kan kiyyoo gabrummaa quphattoota Habashaa jalatti kufuudhaan akkuma saba Oromoo jireeyna hadhaawaa fi dararamaan jiraachuun carraa isaanii ta’e hundaan walii tumsuu, walgargaaruu. ■ Sabootaa fi mootummoota mirga ilmoo namaa fi mirga sabaa kabajan waliin waliigaltee argamsiisuu, walgargaaruu, waliin hojjachuu yaaluu. HIN JIFANNOON UMMATA OROMOOTIIF GARGALCHAAN DOTOO NEBI YKN AXARRA"UUF MUHAMMAD OROMOON YOOMILLEE ALAGAADHAAF GABROOMEE HIN BULU AADAA KEENNA KAN BADE NIDEEFFANNA YOOMILLEE ALAGAADHAAF UKKAAMAMNEE HIN BULLU BARRI BARA QUUFAAF GUDDINA,BILISUMMAA NUUF HAATA'U JENNA NOVEMBER 13,2009{{delete}} All content in the above text box is licensed under the Creative Commons Attribution-ShareAlike license Version 4 and was originally sourced from https://om.wikipedia.org/w/index.php?diff=prev&oldid=24526.
![]() ![]() This site is not affiliated with or endorsed in any way by the Wikimedia Foundation or any of its affiliates. In fact, we fucking despise them.
|