Revision 22384 of "F. Oromia" on omwiki




kunii malii


''' Abboota Gadaa nannoodhan Oromiyaa keessatti argaman walitti fiduudhaan
Oromummaa fi Aadaa sirna Gadaatiin akka walii tumsaan fi tokkummaa
ummata Oromoo akka ijaaran gargaaruu, jajjabeessuu.
■ Nannoodhan sirni Gadaa laafee fi hojjataa hinjirretti ummata Oromoo
Aadaa fi sirna Gadaatiin gurmeessuu ykn. ijaaruudhaan sirna Gadaatiin
uf-bulchuun sadarkaa biyyooleesatti akka mirkanwaau godchuu.
■ Aadaa fi bulchiinsa sirna Gadaa ummata Oromoo qabachuudhaan, hundee
bulchaa sirna gabromfataa Oromiyaa keessaa buqqisuu
■ Dhaabbota (ijaarsota) siyaasa, waldoota gargaarsaa fi amantii kan ummata
Oromiyaa keessattu argaman jiddutti walii galtee fi tumsa argamsiisuu,
nagaa ummata Oromoo akka tiiksan (eegan) yaadachiisuu
■ Qaamota diinagdee, kan siyaasaa, kan barmoota, kan aadaa, kan fayyaa,
kan tika nagaa, kan ogummmaa fii saayinsii ummata Oromiyaa walitti
qindeessuudhaan badhaadhinnaa fi nagaa ummata Oromiyaa mirkaneessuu,
fuul-duree ummata Oromiyaa miidhagsuu
■ Saboota fi sab-lammiiddhan hundeen isaanii Afrikaa ta’e, kan aadaa fi
seenaan isaanii aadaa fi seenaa ummata Oromiyaatiin walfakkaatu ykn.
walitti dhihaatuun walii tumsuu, walgargafaruu.
■ Sabootaa fi sab-lammiiddhan kiyyoo gabrummaa Abashaa jalatti kufuudhaan
dararaman, saboota mirga ilmoo namaa fi sabaatti amanan waliin
waliigaltee fi tumsa argamsisuu
■ Gurmuuwwan siyaasaa fi qaamoonni amantii kan ummata Oromiyaa
keessatti argaman waliigaltee fi gamtaan tokkummaa ummata Oromiyaa,
mirgaa fi bilisummaa Oromiyaa ilaalchisee ijjannoo fi Afaan tokkkoo akka
qabaatan jajjabeessuu, gargaaruu

■ Nageenyaa fi jireenya ummata Oromiyaa tiksuu, itichuu fi dagaagsuu
■ Eenyummaa Oromoo, Aadaa walqixummaa fi demokraasii sirna Gadaa
guddisuu, dagaagsuu fi Oromiyaa nagaan bulchuu (administer) keessatti
qoodni ummata baldhaa murteessaa fi barbaachisaa ta’uu ummata barbsiisuu,
mirga isaa ta’uu yaadachiisuu
■ Mirgi ilmoo namaa akka Charteriidhan Afrikaa fi kfk. akka eeggamu taasisuu
■ Abboonii Gadaa kan yeroo hammaa naannoodhan Oromiyaa keessatti
argaman akka aadaa sirna Gadaatti walqunnamuudhaan akka waliin hojjatan
haalaa fi dandii mijeessuu. Naannoodhan sirni Gadaa hojjataa hinjirretti
Abbaa Gadaa filachiisuu fi bulchiinsi sirna Gadaa naannoo irraa
jalqabee hanga sadarkaa biyyoolessatti hujii irra akka ooluu taasisu
■ Guddinnaa fi bilchinni sirna Gadaa itti fufee akka dagaaguu walqixummaa
fi mirga abbaa biyyummaa Oromootaa barsiisuu
■ Tokkummaa fi nagaa saba Oromootiif Oromiyaa tiksuu
■ Baadhaadhinni sabaa fi Oromiyaa fuullee diinagdee, barmootaa, sayinsii fi
ogummaa (technology), fayyaa, siyaasaa fi kfk. sadarkaa ol’aana irra akka
gahuu daandii tottolchuu, karoora baasuu, hujii irra oolchuu
■ Ilaalchaa (yaada) Oromoota hundaatuu kabajuu. Ilmaan Oromoo gara
garummaa yaadaa (ilaalchaa) irraa kan ka’e nagaa saba isaanii booressuu
fi jireenna saba Oromoo haddheessuu otoo hin ta’in, akka aadaa sirna
Gadaa Oromootti walkabajuudhaan gara garummaa isaanii karaa nagaatiin
akka hiikktan gargaaruu.
■ Yaadni (ilaalchi) ilmaan Oromoo akka ilmaan saba tokkootti daandii
tokkotti luucca’ee bu’aa saba isaanii irra akka oolu haala mijeessuu, karaa
qindeessuu fi Ilmaan Oromoo irree tokkummaa isaanii cimsanii mirga
sabummaa ummata Oromoo kabajchiisuu irratti akka walii tumsan gargaaruu
(taasisuu)
■ Waltajjiidhan qorannoo (research centers) Afaan, Aaadaa, Seenaa fi sirna
Gadaa Oromoo ijaaruu (dhaabuu) fi seenaa saba Oromoo kan dabre qorachuu,
barachuu, barsiisuu fi guddisuu. Keessattuu mallattoo tokkummaa,
nagaa fi bilisummaa ummata Oromoo kan ta’e Aadaan sirna Gadaa Oromoo
■ akka sirritti dagaaguu fi ilmaan Oromoo hunda ammattu taasisuu. Ilmaan
Oromoollee aadaa bareeda sirna Gadaa hubachuudhaan gaaddisa sirna
Gadaa jalatti akka gurmaahan kakaasuu, jajjabeessuu, gurmeessuu
■ Tokkummaa (unity), birmaddummaa (sovereignty) saba Oromoo fi daangaa
Oromiyaa kabajchiisuu, bilisummaan Oromiyaa akka mirkanooftuu fi
tikfamtu ilmaan Oromoo martuu qooda irraa eeggamu akka bahatan karaa
fi haala mijeessuu, hujii irra oolchuu
■ Aadaan bareedduu fi kabajamtuun dubartoota Oromiyaa, SIINQEEN
dubartoota Oromoo sadarkaa-sadarkaan ijaaramtee sadarkaa biyyoolessaatti
hujii irra akka ooltu karaa mijeessuu, fiixa baasu.
■ Siiqeen dubartoota Oromiyaa akka aadaa saba Oromootti mirga dubartoota
Oromiyaa kabajchiisuu fi tiksuudhaan dubartoonni Oromiyaa midhaa
fi gad-qabii tokka malee, fuullee jireenna ilmoo namaa hundaanuu
(fakkeennaaf: fuullee diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa, aadaa fi kfk.)
dhiiraan walqixa biyya isaanii akka tajaajilanii fi biyya isaanii irra tajaajila
akka aragtan akka taasiftu dadaagsuu.

Galiin Kaawoo Gadaa Oromiyaa, Aadaa fi mallattoo bilisummaa Oromiyaa kan ta’e seeraa
Gadaatiin ummata Oromiyaa sadarkaa biyooleessaatti ijaaruudhaan tokkummaa, nagaa fi
angoo saba Oromiyaa dhugoomsuu (mirkaneessuu) dha. Ummanni Oromiyaa Aadaa fi
gaaddisa sirna Gadaa jalatti ijaaramuudhaan akka ufii fi biyya isaa bulfachuu danda’u gargaaruu
dha
■ Aadaa fi bu’uurran sirna Gadaa irratti hundaauudhaan ummata Oromiyaa
gaaddisa sirna Gadaa jalatti gurmeessuu, irree fi tokkummaa sabaa cimsuudhaan
ol’aantummaa fi mirga ummata Oromiyaa mirkaneessuu, burqaan
aangoon Oromiyaa bulchuu (tajaajiluu)
■ Seeraa fi heera saba baldhaa ummata Oromiyaatiin tumame (tumamu) fi
mirga filannoo, kan filachuu, kan dorgommii nagaa (peaceful competition)
fi karaa nagaatiin sabaan filatamuu qofa irra akka ta’u gochuudhaan,
ykn.dhugoomsuudhaan Aangoo ol’aanaa mootummaa ummata Oromiyaa
kan ta’e: Saglan Yaa’ii Oromiyaa (National Supreme Council) Yaa’ii Gadaa
Oromiyaatiin (Oromian National assembly) sadarkaa biyyoolessaatti
dhaabuu (filachiisuu), bulchiinsa demokraatawaa sirna Gadaa hujii irra
oolchuu dha.
■ Seenaa, aadaa fi safuu ummata Oromoo irratti hundaawuudhaan Caasaa
bulchiinsa sirna Gadaa Oromiyaa akka haalaa fi sadarkaa guddinna saba
Oromiyaa kan hardhaa waliin adeemutti qophessuu, diriirsuu dha.
■ Seenaa Saba Oromoo keessatti hiikkaa fi kabajaa guddaa kan qaban qubsumman
Yaa’ii Gadaa Oromiyaa kan akka Madda Walaabuu, Mormor
(Tulluu Nama Guddaa), Caasaa bulchiinsa sirna Gadaa keessatti akeekuu,
seenaan galmeessuu.
■ Qaama Caasaa bulchiinsa Sirna Gadaa kan akka Yaa’ii (Caffee) Gadaa
Oromiyaa, Saglan Yaa’ii Oromiyaa, Odaadhan fi Caffeedhan, Aanaa fi balballan
Oromiyaa sadarkaa sadarkaan diriirsuu fi Siiqeen Dubartoota Oromiyaa,
qaamni amantii ummata Oromiyaa (sirna Qaalluu fi waaqeeffannaa) sadarkaa
biyyoolessatti akka aadaa ummata Oromiyaatti deebi’ee ijaaramuudhaan
jireenna ummata Oromiyaa akka tottolchu taasisuu dha. Ummata Oromiyaa
Aadaa fi Gadaa shanan (Luuba) Oromiyaatiin ijaaruu dha.

■ Aadaa bulchiinsa Sina demokraatawaa Gadaa, qaamota caasaa bulchiinsa
sirna Gadaa, qaamaa seeraa fi heeraa, qaama aadaa fi hundee (original)
safuu ummata Oromiyaa, qaama mirga ilmoo namaa tiksuu fi kan kfk.
jalaa hanga gubbaattii sadarkaa sadarkaan diriirsuu, babaldhisuu fi hanga
biyyoleessaatti ijaaruu, hujii irra oolchuu
■ Ilmaan saba Oromoo hundi mirga Abbaa biyyuummaa isaanii akka kabajchiifatan
yaadachiisuu, barsiisuu fi dirqama isaanii akka bahatan hubachiisuu.
Dhaloottan (generations) saba Oromoo hundaa akka aadaa sirna
Gadaattti duudhaa sirna Gadaatiin walqabachiisuu, walitti hidhuu, walii
tumsiisuu. Gadaa (umrii) isaanii irratti hundaawuudhaan gaaddisa sirna
Gadaa jalatti ijaaruu, walbarsiisuu fi dammaqasuudhaan tokkummaa,
jabeenna fi nagaa aadaa sirna Gaddaa Oromoo deebisuu, mirkaneessuu
■ Hanga Galiin Kaawoo Gadaa Oromiyaa fiixa bahuu fi bulchiinsi sirna
Gadaa Oromiyaa ummata Oromiyaa harka galutti hayyoota ummata
Oromoo, abbootaa Gadaa naannoodhaan Oromiyaa keessatti argaman fi
hooggantoota bulchiinsa sirna Gadaa Oromiyaa keessatti qooda fudhataa
jiran hundaa walitti fiduun ijaaruu, gurmeessuu, walqabachiisuu, qabeennaa
(diinagdee) fi mallaqaan gargaaruu
■ Mirga filannoo walabaa, mirga filachuu, kan filamuu fi filatamuu akka
aadaa nagaa sirna Gadaattti kabajuudhaan Saglan Yaa’ii Oromiyaa
(Oromian supreme Council) sagalee ummata Oromiyaatiin waggaa saddeetti
saddeetiin akka filatamuu fi eebbifamu taasisuu. Aangoon filannoo
malee gonfamtu hundumtuu saba biratti fudhatama akka hinqabnee fi
faallaa aadaa fi safuu ummata Oromoo ta’uu beeksisuu, ibsuu. Aangoon
filannoo ummata Oromiyaa irraa argamte martuu dhimmaa fi bu’aa
ummata Oromiyaa irra akka ooltuu godhuu (taasisuu
■ Aadaa nagaa, aadaa bareeda, jaalatamtuu, kabajamtuu sirna
demokraatawaa Gadaa babaldhisuu, guddisuun akka danda’amu projektootaa
fi karoora gara garaa baasuun hojjachuu. Saayinsii fi ogummaa
yaroo kan akka Komputaraa, kitabaa fi kan fakkaataniin qophheessuun
sabaa dhaqqabsiisuu (facaasuu), barsiisuu. Saboota biraallee barsiisuu

■ Mallattoodhan Oromummaa kan akka Afaan Oromoo, Aadaa, Seenaa,
Amantii Safuu fi mirga abbaa biyyummaa (Oromiyaa) tiksuu. Badii
(destruction) sirna gabroomfataa Abashaatii fi dhiibbaa (cunqursaa)
kamuu mormachuun Oromummaa kabajchiisuu, tiksuu
■ Oromiyaa guutuu keessaa fi Oromiyaan alattillee Oromootaa jajjabeessuudhaan
Aadaa Wallisaa (muziqaa), artii fi sportii, hogbarruu Afaan
Oromoo fi kfk. guddisuu fi gabbisuu
■ Ijoollee fi dargaggoota Oromiyaa aadaa sirna Gadaa Oromoo barasiisuu fi
jajjabeessuudhaan akka aadaa sirna Gadaatti gaaddisa sirna Gadaa jalattti
gurmeessuu. Dargaggoonni Oromiyaa bulchiinsa Sirna Gadaa kan hanga
sadarkaa biyyoolessaa keessatti akka qooda fudhatanii fi saba (biyya)
isaanii tajaajilan taasisuu
■ Meeshaadhan barrnoota kan Aadaa fi Sirna Gadaa barsisuuf tolan qoppheessuudhaan
iddoo ummanni akka salphaatti irraa argatuu fi dhimma
itti bahachuu danada’u kaa’uu, haala mijeessuu
■ Warraqsa Aaadaa sabootaa fi sablammiiwwan akkuma saba Oromoo
uumee (native) Afrikaa ta’an, Aadaa fi seenaadhan kan saba Oromoo waliin
wallfakkaatani fi kan kiyyoo gabrummaa quphattoota Habashaa jalatti
kufuudhaan akkuma saba Oromoo jireeyna hadhaawaa fi dararamaan
jiraachuun carraa isaanii ta’e hundaan walii tumsuu, walgargaaruu.
■ Sabootaa fi mootummoota mirga ilmoo namaa fi mirga sabaa kabajan waliin
waliigaltee argamsiisuu, walgargaaruu, waliin hojjachuu yaaluu.







     HIN JIFANNOON  UMMATA OROMOOTIIF
     GARGALCHAAN DOTOO NEBI  YKN AXARRA"UUF MUHAMMAD
     OROMOON YOOMILLEE ALAGAADHAAF GABROOMEE HIN BULU
     AADAA KEENNA KAN BADE NIDEEFFANNA
     YOOMILLEE ALAGAADHAAF UKKAAMAMNEE HIN BULLU  

             BARRI BARA QUUFAAF GUDDINA,BILISUMMAA NUUF HAATA'U JENNA
             NOVEMBER 13,2009